Colossians 2:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami sobee ifi gadi qabiisaa fi ergantoota ol-gubba'aa waaqessiisaan ifi jaju, worra gatii hin qanne akka isin hin goone ifi eegadha'a; nami akkasii kun marroo mudhii dhagguutiif ifi saadee, waan gatii hin qanneef yaada fooniitiin ifi jaja.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami tokoleeni waan daayya arguufi waan isani ira jiru ufi sehe waan keesani isani inhanqisiini, yokhaani kara d'aratiini, Ufi diqeesa, malaika kad'ad'a isaniini injed'iini. Nami akana kunini kiyyiba, waan qalbi qabu ufi sehe ammo waan ufi saaduufi inqabu;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii tokkolleen karaa dharaatiin waan daayyaa arguuf waan isan irra jiru ufi se'ee waan keessan isan hin hanqisin; ammallee dharaan ufi diqqeessaa, ergamtoota Waaqaa kadhadhaa isaniin hinjedhin. Namii akkanaa kun kiyyibaa, waan qalbii qabu ufi se'a, ammoo innii waan saaduullee hinqabu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni kasoo ta'ee gad uf qabu'uu fi Maleekkaa waaqeffatuu jaalata'aa; waan hin argine fedha malee keessa seena'aa, sammuu fooniitiin waan duwwa'aan uf jaja'aa eennullee isin irratti hin murteessin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni kasoo ta'ee gad uf qabu'uu fi Maleekkaa kaddaamuu jaalata'aa; waan hin argine fedha malee keessa seena'aa sammuu fooniitiin waan duwwa'aan uf jaja'aa eennullee isin irratti hin murteessin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mata gad qabata tasaatiin malayikkoota waaqeffachu'uun ka dhaadatu naminni kumi'llee, gatii malee akka isin hin hanbbfnneef ufi eeggadhaa. Naminni akkanaa kun waayee muldhata arguutiin ufi dhaada'aa, tasaa fi yaada fooniitiin ufi ni dhaada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami sobee ifi gadi qabiisaa fi ergantoota ol-gubba'aa waaqonsiisaan ifi jaju, worra gatii hin qanne akka isin hin goone ifi eegadha'a; nami akkasii kun marroo mudhii dhagguutiif ifi saadee, waan gatii hin qanneef yaada fooniitiin ifi jaja.