Colossians 2:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami akkasii, Kiristoosii mataa nafaa te'eerutti qabatiisa lakkiseera; nafa duudii mitikaa fi ribu'uun wolitti qassiisee ka nyaachisuu mata'a; akkasiin guddinna Waaqi fedhu nafi guddata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammalle Kristo, ka mataa isaatu ya jabeesu lakise. Qorqorti Kristo jalati nafi ch'ufti inquufa, mitafi maach'eerati wolti qaba, akuma Waaqi fed'u guddata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii akkasii Yesusii, ka mataa waan cufaa waliin homaa hinqabu; mittaa fi morgaanii walti qabee ka nafa gololchuu mataa. Karaa kanaani waaqii nafa cufa guddisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni akkanaa kun gara Kiristoosii mataa ta'eetitti hin dhiyaatu; isaan nafti maruu ribu'uu fi hiddaan nyaata fudhata'aa wolitti ijaarama'aa guddinna Rabbi isaa kennuun guddata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni akkanaa kun gara Kiristoosii mataa ta'etti hin dhiyaatu, isaan nafti maruu ribu'uu fi hiddaan nyaata fudhata'aa wolitti ijaarama'aa guddinna Rabbi isaa kennuun guddata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni akkanaa jiru kun mataa ka ta'e Kristosiin woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, qaama maraa wol qabata hunnaa fi ribu'uutiin wolitti qabsiisee ka sooru, mataa isaati. Waaqinni guddinna gutummaa qaamaatiif ka kennu'llee, bifuma kanaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami akkasii, Kiristoosii mataa nafaa te'eerutti qabatiisa lakkiseera; nafa duudii mitika'aa fi ribu'uun wolitti qassiisee ka nyaachisu mata'a; akkasiin guddinna Waaqi fedhu nafi guddata.