Colossians 2:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kun maraa ajaja nami baasee fi barumsa namaa irratti waan hundayeeruuf, hujii irra ooleen duuba bu'aa hin qabu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti kunini ch'ufti barsiisafi seera nami tolche; yo gula deemanile ufuma baddi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan kana cufaa yo gula deemanillee waan barsiisaa fi seeri namaa tolcheef ammaa hujii irraa ooltullee gaafa tokkoo inbaddi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka seeraa fi barumsa namaatiin ajaja worra «Hin qabin, hin dhandhamin, hin tuqin, jedha'aa Adunya'aaf jiraataniititti maaf bitamtan? Kunniin maruu uduma hojjataman badu'uuf murteeffameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka seeraa fi barumsa namaatiin ajaja worra «Hin qabin, hin dhandhamin, hin tuqin, jedha'aa Adunya'aaf jiraataniititti maaf bitamtan? Kunniin maruu uduma hojjataman badu'uuf murteeffameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunniin marrinuu ajajootaa naminni hojjatee fi barsiisa irratti ka hundaayan waan ta'aniif, hujii irra eega oolaniin duubatti badu'uuf ka murtaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kun maraa ajaja nami baasee fi barumsa namaa irratti waan hundayeeruuf, hujii irra ooleen duuba bu'aa hin qabu.