Colossians 2:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Seeroti akkasii kun, waaqeffannaa fedha ifii, ifi gad qabiisa dharaatii fi nafa ifii rakkisuu irratti waan xiyyeeffatanuuf, waan qarooma qabanu fakkaatan; karaa halchaa foonii tooyatiisaatiin ammoo gatii hin qabanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seeri kunini d'uguma waan qalbi qabu fakaata, yoyu irreeni malaika kad'ad'a, ufi diqeesa, nafa keesani garagalcha jed'u, Ammo dandae d'araa nafa nama ind'owu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Seerii kunin yoyyuu irreen ufi diqqeessaa ergamtoota kadhadhaa, nafa keessan gaargalchaa jedhuu, waan dansaa fakkaata, ammoo dharraa foonii danda'ee nama hindhowwu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kun akka fedha keetii waaqeffatuun, kasoomu'uu fi foon cunqursu'uun waan ogummaa qabu fakkaata. Haa ta'uu ammo garaan hagaa olitti akka hin quufne dhoogguun womaa hin fayyadu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kun akka fedha keetii kaddaamuu, kasoomu'uu fi foon cunqursu'uun waan ogummaa qabu fakkaata. Haata'uu ammo, garaan hagaa olitti akka hin quufne dhoogguun womaa hin fayyadu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajoonni kunniin waaqeffannaa fedhii mataa isaa irraa burqqee fi mataa gad qabata tasaatiin qaama'llee hiyyoomissuu irratti waan xiyyeeffataniif waan ogommaa qaban ni fakkaatan ta'a, garuu karaa miira foonii toowachu'uutiin gati dhabeeyyi'i.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seeroti akkasii kun, waaqonfannaa fedha ifii, ifi gad qabiisa dharaatii fi nafa ifii rakkisuu irratti waan xiyyeeffatanuuf, waan qarooma qabanu fakkaatan; karaa halchaa foonii toowatiisaatiin ammoo gatii hin qabanu.