Colossians 2:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani fooniin isin woliin jiraachuu dhabulle ayyaanaan isin woliin jira; seera dansa'aan le'uu keessanii fi dhugeeffannaa jadduu isin Kiristoositti qaddanu dhaggiisatti hin gammada.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi ato nafaani isani woliini injirrele lubbuuni woliini jirra; aka isani d'ugefachaani jabaattani Kristo keesa ejattani arginaani anini guddo gammada.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif adoo nafaan isan bira jiraachuu dhibaadhellee hafuuraan isan waliin jira. Akka isan karaa Kiristoo keessatti dhugeeffachaan jabaattan waan argeef, anin guddoo gammada.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fooniin yoo hagamillee fagaadhe, ayyaanaan isin woliin waan jiruuf seera keessanii fi jabeenna amantii keessanii ka Kiristoosiin qabdan arga'aa gammada.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fooniin hagamillee yoo fagaadhe, ayyaanaan isin woliin waan jiruuf, seera keessaniif jabeenna amantii keessanii ka Kiristoosiin qabdan arga'aa gammada.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
fooniin isin irraa yoma fagaadhe'llee hafuuraan isin woliin ni amala misha'aan jiraachuu keessan fi jira, amantii cimaa Kristosiin irratti qabiddan argu'uun'llee, ni gammada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani fooniin isin woliin jiraachuu dhabulle ayyaanaan isin woliin jira; seera dansa'aan le'uu keessanii fi dhugeeffannaa jadduu isin Kiristoositti qaddanu dhaggiisatti hin gammada.