Colossians 2:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akka barsiisa Kiristoosiititti adoo hin te’in, qarummaa namaatii fi gowwoonsiisa waan tokko ifi keessaa hin qanne, ka aadaa namaatii fi ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu irratti hundayeen, eennulle akka isin hin boojine ifi eegadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegad'a, aka nami tokoleeni qalbi nama ta woma imbaaneeni isani insomne. Qalbiini suni waan nami wolbarsiisufi waan herega lafaa iraa d'ufti, Kristo ira ind'uftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka namii tokkolleen qalbii namaa ta homaa hin baaneen isan hin sobnee eegadhaa. Qalbiin sun waan namii walbarsiisuu fi herrega lafaa irraa dhufti malee Kiristoo irraa hindhuftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka barumsa Kiristoosiititti uduu hin taane, akka aadaa namaatiif akka nama adunyaa tanaa akka barumsa duraa waa uumu'uun soba'aa eennullee akka isin hin boojine uf eegaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka barumsa Kiristoosiititti uduu hin taane, akka aadaa namaatiif akka nama adunyaa tanaa akka barumsa duraa waa uumu'uun soba'aa eennullee akka isin hin boojine uf eegaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kristosiin irratti ka hunddeeffame uduu hin ta'in aadaa naminni baasee fi seera biyya lafaa irratti hundaaye falaasafamaa tasaatiin, eennu'llee akka isin hin qabnneef ufi eeggadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka barsiisa Kiristoosiititti adoo hin te'in, qarummaa namaatii fi gowwoonsiisa waan tokko ifi keessaa hin qanne, ka aadaa namaatii fi ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu irratti hundayeen, eennulle akka isin hin boojine ifi eegadha'a.