Colossians 3:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akka kanaan worra Giriikotaatii fi worra Yihuudotaa, worra haqanqabaa qabatee fi ka haqanqabaa hin qabatin, orma beekkichaa fi orma gowwicha, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qanne odduu garaa garummaan hin jirtu; Kiristoos ammoo duudi'i, duudii keessa jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi Yahudiini yokhaani gochiti d'ibiini injirtu, nama qabanqaba qabatefi ka inqabatini injiru, nyaapafi nami aada imbeenneleeni injiru, tisseefi balchaani injiru, ammo Kristo ch'allati jira, ammalle waan ch'ufa isumati keesa jira!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Armaa achi, Yihudiin, Giriik, nama dhaqaanqabaa qabatee ka hin qabatin, nyaaphii, namii aadaa hin beenne, tissee fi balchaan cuftii hin jirtuu, Kiristoo callaatti jira; ammallee waan cufaa isummaatti keessa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achitti namni Giriikii, ka Yihuudi'ii, ka gadoomee fi ka hin gadoomne, worra gowwaa ta'ee fi worra beekaa, worra wolaba ta'ee fi garbicha jidduu garaagarummaan hin jiru. Haa ta'uu ammo Kiristoos maraa fi maraa keessa jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achitti namni Giriikii, ka Yihuudi'ii, ka gadoomeef ka hin gadoomne, worra gowwaa ta'ee fi worra beekaa, worra wolaba ta'ee fi garbicha jidduu garaagarummaan hin jiru. Haata'uu ammoo Kiristoos maraaf maraa keessa jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haala kanaan Giriikichaa fi Yihudicha, ka gadoomee fi ka hin gadoomin, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka baratee fi ka hin baratin, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qabnne jidduu garaagarummaan hin jiru, Kristos mara, maraaniiyyu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka kanaan worra Giriikootaatii fi worra Yihudootaa, worra haqanqabaa qabatee fi ka haqanqabaa hin qabatin, orma beekkichaa fi orma gowwicha, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qanne odduu garaa garummaan hin jirtu; Kiristoos ammoo duudi'i, duudii keessa jira.