Colossians 3:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaallatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma'aa fi ossata uffadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani gumi Waaqaati; inni isani jaalate, isani fohate. Tanaafi naasufi arjoomafi ufi diqeesitifi laana deemtifi obsa qabaachu maltani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan gumii Waaqii jaalatee foohatee, tanaaf naasuu, arjoomaa, ufi diqqeestii, laanaa deemitii fi obsa qabaachuu maltan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalataman taatanii araara, gara laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalatamanillee taatanii, araara, gara-laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Egaa filatamittoota Waaqaatii fi Qulqulluuwwan, ka jaalatamittan'llee akka ta'uu keessan titti gara laafnna, arjjooma, mataa gad qabata, gara nyaatto'oo fi obissa'llee uffadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaalatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma'aa fi ossata uffadha'a.