Colossians 3:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nama woli caalchisuun Waaqa bira waan hin jirreef, nami balleessaa huju, balleessaa ifii saniif gatii hin dhaggata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama waan hamtu tolchu, abba ufi taanaanile waan hamtu isa tolchani, Waaqi nama ch'ufa aka tokotu herega.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii waan hamtuu tolchuu, inniilleen gatii waan hamtuu tolcheef inargata, Waaqii nama cufa akka tokkotuttii herrega.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka yakke waan yakka ufiitiif adabbii argata; nama wol caalchisuun Rabbiin bira waan hin jirreef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka yakke waan yakka ufiitiif adabbii argata, nama wol caalchiisuun Rabbiin bira waan hin jirreef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqa bira daloon waan hin jirreef ka hamaa hojjatu'llee waayee hujii hamaa isaatiif, adabbii isaa ni fudhata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nama woli caalchisuun Waaqa bira waan hin jirreef, nami balleessaa huju, balleessaa ifii saniif gatii hin dhaggata.