Colossians 3:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf halchaa le'ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu'uu fi waaqota waaqesuu ka te'e joljoluu ijjeesa'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yaada lafa, ka isani keesa jiru ka aka sharmut'oma fa t'urifa, d'araafa, fed'i hamtufi sabdooma, awaalu maltani. (Sabdoomi aka waan harkaani boch'ani kad'atani jira.)
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yaada lafaa ka isan keessa jiru ka akka shaarmuxoomaa, hujii babbaddaa ta nama xuresituu, dharraa foonii, fedhii hamtuu fi sabdoomaa, ka waan harkaan bocan kadhachuu ta'e, ijjeesuu maltan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa dharraa foonii ta lafa tanaa ka isin keessa jiru ajjeesaa'a; isaanillee seebaruu, battummaa, wol hoossuu'u, waaqa tolfamaa waaqeffatu'uu fi hawwii hamaa fa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa dharraa foonii ta lafa tanaa ka isin keessa jiru ajjeesaa'a, isaanillee seebaruu, battummaa, wol qirqissuu, waaqa tolfamaa kaddaamu'uu fi hawwii hamaa fa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf isin keessatti ka argaman jireenna hawwiiwwan arddiilessaa maraa ajjeesaa, isaan'llee, «Sagaagala, battummaa, kajeellaa sagaagalaa, hawwii hamaa, Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachuu kajeellaa ta'e.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf halchaa le'ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu'uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te'e joljoluu ijjeesa'a.