Colossians 4:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Arisxaarkosiin ana woliin hidhameeru nageya isiniif dhaama. Durriin Baarnaabaasii Maarqoosiin ani duraan, “Yennaa inni gara keessan dhufe fudhadha'a jedhee isin yaadachiiselle” nageya isiniif dhaama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aristarkoni, ka hid'aansa keesa na woliini jiruufi Marikoni, dubriini Barnaba, nagaya isanii d'aamani. Isani ya qara d'aamsa waan isaa d'ageetani, aka yo inni d'ufu isa bulchitani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Arisxaarkos ka hidhaansa keessa na waliin jiruu fi Maarqos ka dubrii Baarnaabaasiilleen nagaa isanii dhaaman. Isan waan dhaamsa Maarqos qaraa dhageettaniif, yo innii isanitti dhufe akka dansaa keessummeessa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra gadooman keessaa ka na woliin hidhame, Arisixirookos ilmi obboleessa Barnaabaasii Maarqoos ka Iyyoosxoos jedhamuu fi Iyyaasuun nagaya isiniin jedhaniiran. Ajaja, «Maarqoos yoo gara keessan dhufe simadha'aanii» jedhu fudhattaniirtu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra gadooman keessaa ka na woliin hidhame, Arisixirookos ilmi obboleessa Barnaabaasii Maarqos ka Iyosxosi jedhamuu fi Iyyaasuun nagaya isiniin jedhaniiran. «Maarqosi gara keessan yoo dhufe simadha'aanii» ajaja jedhu fudhattaniirtu. Worri jeennata Rabbii keessatti na woliin hojjatan kanniin calla'a; isaanillee na jajjabeessaniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Anaan woliin ka hidhame Arisxaarkos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa, yeroo tokko «Gara keessan yeroo dhufutti akka ufitti fudhattaniin» jedhee, isin yaadachiisee ka ture, ilma abbeeraa Baarnaabaasii Maarqoos'llee, nagaya isinii dhiyeessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Arisxaarkosiin na woliin hidhameeru nageya isiniif dhaama. Durriin Baarnaabaasii Maarqoosiin ani duraan, «Yennaa inni gara keessan dhufe fudhadha'a jedhee isin yaadachiiselle» nageya isiniif dhaama.