Colossians 4:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tikiqoos, marroo waan kiyyaa waan mara isinitti hin hima; inni tajaajilaa addatama'aa fi lansa kiyya ka hujii Gootta'aa ana woliin huju.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleesi keenna Tikikoni, ka aka dansa ufi baase huji Aabbo na woliini hojate odu tiyya ch'ufa isaniti odeesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleessii keenna Xikiqoos, ka akka dansaa hujii Aabbootiif ufi kennee dhugeeffatamaan, na waliin hojjatee, oduu tiyya cufaa isanitti haasa'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleessi jaalatamaanii fi tajaajilaan amanamaan na woliin Goofta'aaf garbicha ta'e Tikiqoos jiruu kiyya maraa isinitti beessisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleessi jaalatamaaniif tajaajilaan amanamaan na woliin Goofta'aaf garbicha ta'e, Tikiqoos jiruu kiyya maraa isinitti beessisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Xikiqoos waayee kiyya waan maraa isinitti ni hima, inni obboleessa jaalatamaa, tajaajilaa amanama'aa fi hujii Goofta'aatiin'llee waahela kiyya ka tajaajilaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tikiqoos, marroo waan kiyyaa waan mara isinitti hin hima; inni tajaajilaa addatama'aa fi lansa kiyya ka hujii Gootta'aa na woliin huju.