Daniel 1:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Ashpenazini hayyu d'eete waan Danielini jed'e, Hayyuuni waan isani nyaattani d'uddani ya mure; yo atini haalate jara kaani hanqatte, inni hegeri na ijeesa fa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ashfanaaz ammo waan mooticha sodaateef Daani'eeliin «Ka waan isin nyaattanii fi dhuddan ajaje mooticha; isin yoo ka'imman kaawwan caalaa huqqattanii bifaa fi biifa dhabdaniirtan isin arge, gooftaan kiyya mootichi na ajjeessinnaa sodaadha» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu male bulchaan qondaaltotaa mooticha waan sodaateef, Daani'eliin, «Ani mooticha goottaa kiyya ka sagale'ee fi daadhii woyni'ii isiniif ajaje hin sodaadha; isin dargaggoota dhibi'iin caalaa yoo huqqatanee daalachootane mootichi na hin ijjeesa» jedhe.