Daniel 1:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbo Waaqi Yehoiakimu, hayyu Yuda, harka isaati kenne, ammalle inni miha Mana Waaqa haga toko boojie. Inni nama gari boojie, mana waaqoota isaa ka Babiloni jiruti geese, miha boojie kaanile mana waaqoota isaa keesati olkaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi mootii Yihuuda'aa Iyyo'aaqeemiif meeshaa woyyuu mana woyyuu keessaa garii Nabukadanatsoorii dabarsee kenne; mootichi qabeenna woyyuu sanniin fuudhee mana qabeenni waaqoleen tolfamaan isaa taa'u keessa fidee kaaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan biyya Yihuda'aa Yehoyaaqiimii fi meya Galma Waaqaa keessaa gamisa harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne; Nebukadnezaarille worra booji'e gara biyya ifii ta «Shiinaar» jedhantuu geessee, meya Galma Waaqaa keessaa booji'elle mana waaqota ifii ka Baabilon keessa jiru keessa keye.