Daniel 1:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri ch'ufti ha nama mimid'aaga, naafi aabo womatu inqamne qaqaro hubacha dansa qabu ka yoosu wo baratu tahuti, aka worri mana kiyya keesa hojatu. Duuba atini aka worri afaani Kaldayo t'aafe somu worra barsiisi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka'imman filataman sunniin worra mana mootumma'aa keessatti akka hojjachuu danda'an worra babbareeddan, ogeeyyii'i, worra hubannaa qaban, worra waa maraa dafanii hubatuu danda'anii fi worra qaama guutu'uu ta'uu isaan barbaachisa; akkasuma akka inni afaan worra Baabilooniitii fi akkaataa barreeffamni itti barreeffamu akka isaan barsiisu isaan ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
dargaggooti filamanu kun worra nafa ifii irratti fafa hin qanne, worra dadansaa, worra ogummaa mara qalbeeffatu, worra qaroo, worra hubatiisaaf ariifatu, mana mootumma'aa keessa tajaajiliisaaf worra dandeettii qabu te'uu qaban; afaan worra Baabilonii dubbisiisaa fi barreessiisa akka isaan barsiisuufille Ashfenaaz ajaje.