Daniel 1:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle hayyichi, guyya ch'ufa daad'ifi sagale dansa anini guyya ch'ufa soorad'u worrale kenna, ammalle haga ganna sadi worra barsiisa, eegi suni natiini koota jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi nyaata ufii nyaatuu fi ka ufii dhugu irraa akka isaanii kennamu ajaje; akkaataa kanaan woggaa sadihiif haga leenji'aniin maayessa mooticha afoo dhiyaatanii hujii mana mootumma'aa akka hojjachuu jalqaban murtaaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Nebukadnezaar guyyuma guyya'aan sagalee ifiif nyaatu irraa, daadhii woyni'ii ta ifiif unu irraa isaaniifille akka kennamu ajaje; isaan woggaa sadiif leenjifamaneen duuba, mooticha tajaajiliisaaf seenan.