Daniel 10:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganna sadeeso ka Koreshini lafa Ajemi mohate dubbi toko Danieli ka maqaani isaa d'ibiini Belteshazati mullisani. Dubbini suni dubbi d'ugaati, ammo nami akanati dandae inhubatu. Isa daayya keesa iti himani hubachisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Faarisii Qiroos mooyee woggaa sadeesso'ootitti Daani'eeliin Bilxaasoor jedhamu mudhata biraa arge; dubbiin inni mudhataan arge dhuga'a; sababaa hubachu'uuf guddisee ulfaatuuf hiikkaan isaa mudhataan isatti mudhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qiiros biyya Faaresiititti mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti, mudhiin takka Daani'elii Belxishaazaar jedhamutti mudhatte. Mudhiin sun ta dhuga'aa ti; isiin marroo lola gudda'aa ta beessittu; inni mudhii san akka hubatuuf, mudhi'iin hubantiin isaaf kennante.