Daniel 10:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani isiini waan nani jette Danieli, insodaatini, Waaqi haguma gaafa qara atini wo hubachaa jette ufi diqeesite yayu kad'acha tante d'agaye, aninileeni maro kad'acha tanteetitifi d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni deebi'ee akkana naan jedhe, «Daani'eel! hin sodaatin! guyyaa ati waa hubachu'uuf Rabbiin afo'otti gad uf deebisuu jalqabde irraa jalqabee kadhaan kee dhagayameera; anillee wonti gara kee dhufeef sababaa kadhaan kee deebii argateef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni anaan, «Ee Daani'el, hin sodaatin. Guyyaa ati hubantii dhaggatiisaaf, Waaqa duratti ifi gad qabiisaaf murteessiteen jalqabee, daadimati keeti dhage'ameera; daadimati keeti waan dhage'ameef, ani gara keeti ergamee dhufe.