Daniel 11:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nyaapi mirgaa d'ufu kaani waan fed'u worra tolcha, nami dandae d'owu injiru. Nyaapi suni lafa gabbo d'ufe waan fed'u keesati tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Loltuun gara kaabaatii dhufu waan barbaade godha; ka isa jala dhaabatee uf irraa dhooggu hin jiru; inni biyyi woyyoomtellee uduu hin hafne marsee qabata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin kaaba sun waan fedhe hin godha; ka isa ifi irraa dhooggatiisa dande'u hin jiru. Inni lafa Israa'elii bisilee hin qabata, isii balleessiisaafille hunna hin qabaata.