Daniel 11:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi lafa mirgaa duula kaase, nyaapa suni had'u d'ufa. Duuba aka lafa nyaapa suni balleesu, inni goli worraa tahe intala ufi nyaapa suniti gurgura; ammo mali isaa suni intahu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin biyya Sooriya'aa loltoota ufii maraa qabatee duulu'uuf karoorfata; inni mootummaa diina ufii diigu'uuf durba ufii mootummaa diina ufiititti heerumsiisee akka isa gargaaru wolii gala; ta'ullee karoorri isaa hin ta'uuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Inni loltoota mootummaa ifii duudii woliin duuliisaa hin yaadata; mootii kibbaa woliin wolii galtee nageyaa hin godha; mootummaa san balleessiisaaf, intala ifii mooticha kibbaa hin heerumsiisa; ammoo yaadi sun isaaf hin te'u yookiin isa hin qarqaaru.