Daniel 11:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni inni gosa afaani baariini teetu had'e heddu dabsata. Ammo namichi abba duula ka lafa d'ibi isa dabsate, kiyyiba isaa suni iraa kuta; d'uguma inni kiyyiba hayyu lafa mirgaa isumati deebisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa biyyoota daangaa galaanaa jiran irratti balaa buusee isaan keessaa heddu qabata; bulchaan loltootaa tokko ammo waan isa mooyatuuf uf jajuun isaa hin dhaabata; dhugamaan dubbiin arrabaa ka inni uf jaju'uun dubbate maruu isa irratti raawwata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni gara lafa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aa hin deebi'a; kolbaa hedduulle hin qabata; ammoo abbaan duulaa tokko isa injifatee, koora isaa hin dhaabbachiisa; dhugumaan dubbii inni kooraan dubbattelle isuma irratti hin deebisa.