Daniel 11:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi wonti anini amma siti himu kunini dubbi d'ugaati. Malaikaani waan jette, Hayyoota sadi d'ibiti lafa Ajemi mohata; ka afreeso ka kaani ch'ufa ira dureesa, eege d'ufa. Gaafa inni guddo wo horate gurra baafate, inni lafa Grikitiini morke nama ch'ufa iti kaasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti ani amma sitti himuu dhuga'a.» Maleekkaan nama fakkaatu sun mootonni biraa sadiin Faarisiin irratti mooyan, mootiin arfeesso'oo ka isaaniin maayessa mooyu kaawwan caalaa duroomee kabajjama; sababaa duroomeef hennaa hunni isaa jabaate mootota kaawwan mari'achiisee mootii Giriikii irratti ka'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle ani waan dhuga'aa sitti hima» jedhe. Ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, «Moototi dhibiin sadiin biyya Faaresii keessatti hin kaati; ka arfeesso'oo isaan caalaa hin durooma; inni yennaa durummaa ifiitiin jabaate, biyya mara mootummaa Giriikii irratti hin kakkaasa.