Daniel 11:36 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyuuni lafa mirgaa waan fed'u tahe, anini waaqa ch'ufa ira jira jed'e ufi guddise, Waaqa guddale aka hama arabse akasiini nama mamsiisa. Inni haga Waaqi dallane badi isatini d'ufuti akasuma taha. Waaqi waan herege suni inuma guuta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin biyya Sooriya'aa waan barbaade maraa hin raawwata; inni waaqolee maraa caalaa ol uf guddisa; Waaqa waaqolee maraa ol jiru irratti dubbii arrabaa ka armaan dura dhagayamee hin beenne dubbata; wonti karoorfame maruu waan hojjatamuu barbaachisuuf guyyaan lola Rabbii haga gawuuf wonti maruu isaa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Mootiin kaabaa waan fedhe hin godha. Inni ifi ol qabee, waaqota mara ka caalu ifi seya. Waaqa waaqota caalu irratti arraba hamaa hin dubbata. Wonni murteeffame marti te'u'uuf waan malteef, yennaan mufii Waaqaa haga muummottutti wonni marti hin teetiif.