Daniel 11:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi inni irre guddo horate, lafti inni mohatu suni irre d'abde, fulla afuriti gargari qoodamte baddi. Hayyoota d'aloota isaa intahiniti d'ufe lafa mohata, ammo worri irre aka inni qabu taani inqabu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa hunni isaa jabaate ammo mootummaan isaa diiggamee adunyaa keessatti bakka afuritti qoodama; hulee isaa mootota fiixaa isaa hin taanetu bakka bu'a; ta'ullee isaan keessaa namni haga isaa jabaatu hin argamu; sababaan wonti kun ta'uuf mootummaan sun diiggamee deebi'ee kaawwanii waan qoqqoodamuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma hunni isaa jabaatteen ammoo, mootummaan isaa diigantee, maddii afuritti gargar hin qoodanti; mootummaa isaa isa irraa fudhatantee worra dhibi'iif waan kennantuuf, sanyii isaatitti hin dabartu; akka qaraalle hunna hin qabaatu.