Daniel 11:40 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa muummeeni geete hayyuuni lafa bitaa d'ufe isa had'e, hayyuuni mirgaleni fardafi gaari fardi hirkisufi hobolooni d'ufe isa ufi ira had'a. Inni akuma bisaani faach'aani, lafa fud'atani lafa heddu fud'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaan sun yoo gaye mootiin biyya Misirii mootii biyya Sooriya'aatitti balaa buusa; ta'ullee mootiin biyya Sooriya'aa konkolaataa fardaa, farado'oo fi yabalatti fayyadamee lola gudda'aan uf irraa dhoogga; inni akka bisaan lolaa gudda'aatitti haree biyyoota hedduu marsa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Barri yennaa geye mootiin kibbaa mootii kaabaa hin lola; mootiin kaabaalle garreettaa woraanaa ka fardaan harkifamu heddu'uun, abbootii fardaatii fi hoboloo heddu'uun akka hobonbolatti'ii itti ori'a. Akka lola'aa haxowaa biyya hedduu hin lola.