Daniel 11:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi ganna heddu, hayyichi lafa bitaa hayyicha lafa mirgaatini wold'aqani, dubra isaa iti gurgura: Ammo wold'aqisi worraa suni inturu, intala sunifi d'iirsa isiitiifi ilmeeni isiini d'alteefi hojattuuni isii baasanile ch'ufa fit'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woggaa hago'oon maayessa mootiin biyya Misirii mootii biyya Sooriya'aa woliin waadaa goshumma'aa gala; durba ufii mootii Sooriya'aatitti heerumsiisa; ammo sababaa isiin hunna ufii jabeeffachuu dadhabduuf hunni mootichaa waan hin jabaanneef wolii galteen mootumma'aa hin turu; kanaafuu isii, worra isii gargaaru, ijoollee isi'iitii fi tajaajiltoota isi'ii ajjeesan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Woggoota diqqo'oon duuba mootichi kibbaa, mooticha kaabaa woliin wolii galan. Intalti mooticha kibbaa, wolii galtee isaanii jabeessiisaaf mooticha kaaba hin heerumti; isiin ammoo hunna ifiitiin turuu hin dandeettu; innii fi hunni isaalle jabaattee hin leetu; tanaaf isiin, dhirsi isi'ii, worri isii gara biyya sanii geessee fi abbaan isi'ii hin ijjeefaman.