Daniel 12:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani woya boofta uyifattu waan jette, Gaafasi malaikaani guddoni, Mikaeli jed'ani, ta gosa tante qorqorattu, ind'ufti. Duuba guyya gaargala ka haga nama lafa irati uumani takaa inarginiti d'ufa. Gaafasi nami gosa teeti, ka maqa isaa kitaaba keesati t'aafani ch'ufti lubbu baha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan mudhata naa ibse deebi'ee akkana naan jedhe, «Bulchaan maleekkotaa guddaan Mikaa'el ka banii kee eegu hennaa san hin mudhata; hennaa fiixaan namaa uumame irraa jalqabee rakkoo guddaa mudhatee hin beennetu ta'a; garuu hennaa san baniin biyya keetii ka maqaan isaanii kitaaba Rabbii irratti barreeffame hin fayyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka natti dubbate sun, «Yennaa san Mikaa'el sooressi guddichi kolbaa teeti eegu hin ka'a; achiin duuba haga gosi biyya adda addaa lafa irra jiraatteen jalqabee, farri guddoon teetee hin beenne hin teeti; yennaa san ammoo kolbaan biyya teeti, worri maqaan isaanii kitaaba keessatti barreeffame dhaggame farra san jalaa hin bayan.
Recommended Reading