Daniel 12:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani taani harka lachu gara Waaqa olqabatte, maqa Waaqa haga jiru jireenna jirutini kakhate waan jette, wonti sunini eegi ganni sadiifi jii jaa dabre guutamti. Gaafa gumi Waaqa gaargalchani iraa deebiani wonti kunini gaafasu ya guutamte. Gaafa isiini dubbi suni jette anini artuma jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan uffata diimaa dhiilgee haphii uffatee qaccee lagaa gubba'aan dhaabateeru harka ufii lamaan gara sami'ii ol badhisee «maqaa Waaqa baraa haga bara baraatii woggaa sadihii fi ji'a jahaa tura; rakkoon banii Rabbii irra gayu hennaa dhaabate wonti kunniin maruu hin raawwatama» jedhee kakate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeru sun, harka ifii gara ol-gubba'aa kaasee, maqaa Waaqa bara bara le'uutiin kakatee, «Woggaa sadiif gamisatti teeti; hunnaa kolbaa Waaqaa caccassiisi yennaa dhaabbattu wonni kun marti hin muummotti» jedhe.