Daniel 2:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari kaani waan jed'eeni, Ee hayyicha, nami waan akasi suni beekhe himu lafa keesa injiru. Hayyuuni guddaani irre qabuleeni takaa nama ufi ka wohimufi, falfaltufi ka ayyaana heddule waan akana kana ingaafanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Kalaadaawotaa ka urjii laakkayanillee deebisanii «Mootii keenna waan ati beekuu barbaaddu kana namni sitti himuu danda'u adunyaa irra hin jiru; mootiin tokko yoma hagamillee gudda'aa fi jabaa ta'ellee gaafii akkanaa kana worra moru, worra asmaa katabuu fi worra urjii laakkayu gaafatee hin beeku.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaanille deebisanee, «Biyya lafaa tana keessa waan mootichi gaafate deebisuu ka dande'u tokkolle hin jiru; tanaan qaralle mootiin akka fedhe gudda'aa fi hunnaamessa te'ulle waan akka kanaa worra moru, worra xanu, worra falfaluu fi worra waan dhossa'aa himu gaafatee hin beeku.