Daniel 2:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hojuma suni Ariokoni Danieli fuud'e, hayyuti geese waan jed'eeni, Ee hayyicha, anini jara Yuda ka boojiani kaani keesa namicha toko, ka waan oobju teeti siti himu, ya sitini d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoma san Aariyook Daani'eeliin gara mooticha Nabukadanatsoorii isa fidee «Mootii kiyya! nama hiikkaa eebju'uu sitti himu worra biyya Yihuuda'aa keessaa booji'aman keessaa nama tokko argeera» jedhee mootichatti hime.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma san Ariiyok ariifatee Daani'el gara mootichaa geessee, «Ani namoota biyya Yihuda'aa irra booji'amane oddu'uu nama hiikkaa oojjuu teetii si'iif himuu dande'u dhaggeera» jedhe.