Daniel 2:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Waaqa gubbati jira, ka dandae waan d'ossani mullisu. Inni, ee hayyicha, yayu waan taka tana taha siti hime. Anini amma oobju atini oobjateefi daayya atini hiriba keesa agartele siti hima.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka waan dhossa'aa maraa ibsu ammo Waandhi tokkichi samii jira; inni waan durana ta'u'uuf ta'u maraa sii ibseera; eebjuun ati siree kee irra uduu ciifteertu eebjottee fi mudhanni mataa kee keessa jiru kana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ammoo ka waan dhossa'aa mudhisu Waaqi tokkochi ol-gubbaa jira; inni waan gara duraa te'uuf jiru si mooticha Nebukadnezaaritti mudhiseera; taqee irra irkattee oojjuu ati oojjatee fi mudhii ati dhaggite ta asii gadi jirtu: