Daniel 2:35 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hojuma suni sibiilafi faarafi sibiila diimafi qarsifi worqiini ch'ach'abt'e, gargari jidde, bullofte, awaara guyya bona oobdi keesaa kaatu fakaatte. Jennaani bubbeeni d'ufte, ka tokole inhambisiini ch'ufa fuute. Ammo d'akhaani akheekha suni d'ae kaani gaara tahe lafa ch'ufa guute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sibiilli, faarri, sibiilli diimaan meetii fi worqiin maruu akka buraa hennaa bonaa ka oobdii irraatitti bullaaye; uduu womaa hin hafne bubbeen haxaayee fudhate; dhagaan fakii irratti bu'e ammo lafa irratti ol guddatee haga gaaraa gaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma san sibiilli, faarri, sageettuun, meeti'ii fi worqiin bututanee, akka hicaacee bonaa ta eeddummee keessaa te'ane; waan tokkolle adoo hin hamburin qilleensi isaan haxowee balleesse; dhakaan fottoqee fakki'itti bu'e sun ammoo, gaara guddaa te'ee lafa duudii guute.