Daniel 2:40 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba eege ka afreesoti d'ufa, jabaani aka sibiila guraacha, ka waan ch'ufa gargari ch'ach'abse bulleesu. Akuma sibiili guraachi waan ch'ufa ch'ach'absu, worrileeni finna qara kaani ch'ufa bulleese d'ukeesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammaallee mootiin arfeesso'oo ka waan maraa caccabsuu fi bulleessu, ka akka sibiilaa jabaatu hin mooya; akkuma sibiilli waa maraa caccabsee bulleessu innillee mootota isaan dura jiran maraa caccabsee bulleessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhuma irratti mootummaan arfeesso'oo ta akka sibiilaa jabaattu, ta waan mara caccassituu fi butuchitu hin kaati; akkuma sibiilli waan mara caccassee butuchu, mootummaan tun moototaa isi'iin qaraa mara caccassitee hin butuchiti.