Daniel 2:41 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini ammalle faana isaa ta sibiila guraachafi faaraani mid'aasani ya agarte. Suni wonti isiini garsiiftu, aka finni gargari qoodamu garsiifti. Finna suni keesa, jaba aka sibiilaati jira, akuma atini faarafi sibiila wolkeesa mid'aasani agarte kaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati fakii lukaa fi qubbiin lukaa wodhakkaan sibiila irraa, wodhakkaan ammo faara irraa hojjatame akka ta'e argiteerta; kun akka mootummaan sun gar gar qoodame akka ta'e mudhisa; akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee argite cina'aan mootummaan sunillee akka sibiilaa jabaata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma oojjuu teetiin fakkii miilli isi'ii gar tokkoo fi qubi miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun ammoo faara irraa hujanteertuun dhaggite, mootummaan sun ta qoqoodante hin teeti; sibiilli faara woliin makameeruun akkuma dhaggite, mootummaan sun gar tokko akka sibiilaa hin jabaatti.