Daniel 2:45 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini d'akha nami indarbini, ka fiit'e d'akha d'ibi iraa ch'ee, akheekha sibiila guraachafi sibiila diimafi faarafi qarsifi worqiini mid'aasani d'ae agarte. Ee hayyicha, Waaqi guddaani waan taka tana taha si garsiisuu jira. Anini waan atini oobjateefi waan isiini d'ooftule ch'ufa, ka diqole iraa ingorini, ya siti hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhagaan uduu harki namaa hin tundhe gaara irraa fottoqee bu'e ka sibiila, sibiila diimaa, faara, meeti'ii fi worqii irraa hojjatame ka fakii san bulleesse mootummaa san; akka kanaan Waandhi maraa olii waan durana ta'u'uuf ta'u maraa sitti mudhise; eebjuun kun dhuga'a; hiikkaan amanamaanillee kanuma.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootummaan tun ta akkuma ati dhakaa harki namaa adoo hin tuqin gaara irraa fottoqee fakkii sibiilaan, sageettu'uun, faaraan, meeti'ii fi worqi'iin hujante caccassee butuche, oojju'uun dhaggitee ti. Waaqi guddaan waan gara duraa te'uu jiru si mootichatti mudhiseera; oojjuun sun dhuga'a; hiikkaan isi'iille ta addatante» jedhe.