Daniel 2:47 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle hayyichi waan Danielini jed'e, D'uguma Waaqi kanke Waaqa Waaqa ch'ufati, ka abba hayyoota ch'ufa ka waan d'ossani ch'ufa namaa mullisu, Tanaafi atini waan d'ossani kana dandeete nati himte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Daani'eeliin «Waandhi kee Waaqa waaqolee tolfamaa maraa caalu; Gooftaa mootii moototaati; Inni ka dhossaa maraa ibsuu danda'u; sababaa kanaaf dhossaa guddaa kana maraa ibsuu dandeette» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Daani'eliin, «Eega ati dhossaa tana mudhisuu dandeette, dhugumaan Waaqi keessan waaqota irratti Waaqa; mootota irratti Gootta'a; waan dhossa'aa duudiille ka mudhisu» jedhe.