Daniel 2:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo isani oobjufi waan isiini d'ooftu nati himtani, waan guddo isanii kenne isani ulfeesa. Duuba amma oobjufi waan isiini d'ooftule nati hima.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo eebjuu kiyya hiikkaa isaa woliin dandeettanii natti himtan ammo badhaasaa fi kennaa ulfinnaa guddaa woliin akka argattan isin taasisa; kanaafuu eebjuu hiikkaa woliin natti himaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti beessittane ammoo kennansaa fi badhaasa, ulfinna guddaalle na irraa hin fudhattan; tanaaf oojjuu tiyya hiikkaa isi'ii woliinuu natti hima'a» jedhe.