Daniel 2:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti isani teetani na sobdani d'ara nati dubbatanifi waan hegeri heregi kiyya jijiramu seetani. Tanaafi duuba amma oobju nati hima, duuba anini akasiini aka isani waan isiini d'ooftu himtanile beekha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin yoo eebjuu natti himuu dadhabdan isin maraafuu adabbima tokkotu isinii qophaayeera; isin waan haalli jijjiiramu seetanii dubbii sobaatii fi dubbii dharaa dubbata'aa hennaa dheeressuu barbaaddan, kanaafuu uduu eebjuu natti himtanii akka hiikkaanillee isin hin rakkifne hin beeka» jedhee isaanii deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isin oojjuu tiyya yoo natti hin himin, adabbii gosa tokkootitti isin mara eegata; isin haalli waan jijjiiramu seetanee, dubbii sobaatii fi dokonkorsitu natti himiisaaf wolii galtane; tanaaf oojjuu tiyya natti hima'a; anille hiikkaa isi'ii akka isin dandeettanu tanaan beeka» jedhe.