Daniel 3:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari Yahudi, Shadrakafi Meshekifi Abednegoni, ka atini ufiftu huji lafa Babiloni harka worrati kennite, ya seera kanke suni ch'abse. Worri waaqa kanketifi akheekha atini old'aabde durati gajed'e kad'achu dide.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma kunoo worri ati worra godina Baabiloonii keessa jiran akka bulchaniif muudde ka Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo jedhaman, ka worra gosa Ayihuudi'ii ajaja kee hin raawwatan; waaqolee tolfamaa kee hin waaqeffatan, fakii ati dhaabdeefillee hin sagadan» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Yihudootaa ka ati kutaa biyya Baabilonii akka bulchanuuf muudde, Shaadraak, Meshaak fi Abed-neegoon, ajaja keeti hin muummessanu; isaan waaqota keeti hin tajaajilanu, hin waaqonfatanulle'e» jedhane.