Daniel 3:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana akuma qonqo magalatatiifi ta dibbetifi ta bilbilatifi ta kiraaritifi fulludoofi ta miha sirba d'ibi ch'ufa d'ageetanini gajed'a akheekha suni kad'ad'a; ammo yo kad'achu baatani, hojuma suni goola ibida keesa isani buusani. Waaqa kamiti harka kiyya keesaa dandae isani baasa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa isin yoo laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhageettan fakii ani dhabee kuftanii sagaddan misha'a; yoo sagaduu baattan garuu yoosuu boolla ibiddi itti bobawu keessatti gatamtan, Waandhi harka kiyya jalaa isin baasu akka hin jirre beekaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhageettanu, fakkii worqi'ii ta ani dhaabeef sagaddanee yoo waaqonfattane guddoo dansa'a. Yoo isi'iif sagaduu dhaddane ammoo, yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa hin darbatantan; waaqi harka kiyya keessaa isin baasu dande'u eennu?» jedhe.