Daniel 3:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyichi hojattu isaa ch'ufa wolti yaame: jara gugurda, jaarole gugurdo makaloota, jara isaa mala d'au, jara beese olkayu, jaallaboota, shumoota, jara gugurda lafa suni ch'ufa. Duuba inni, koota, akheekha woi ka anini old'aabe kana eebisu fed'a jed'e, worra ch'ufa wolti baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa eebbaa ka fakiin sun itti dhaabate kabajju'uuf worra biyya bulchan, worra baallii qaban, worra muudaman, worra gorsa kennan, worra baallii qaban ka naannoo gara garaa jiran maraa waamsise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitooti, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin eebba fakkii inni dhaabee irratti akka dhaggamanuuf waansise.