Daniel 3:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle askarti isaa keesa nama jajaba yaame, worra kana sadeeni hid'a, ibida suni keesa buusa jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni loltoota keessaa namoota jajjabaa jara sadiin sanniin boolla ibiddi itti bobawu keessatti akka isaan gatan ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni loltoota ifii keessaa worri jajjabi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo hidhanee, bobe'a ibiddaatitti akka darbanuuf ajaje.