Daniel 3:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Anini maanifi nama afuri ka ufumaa ibida keesa yau arga re? Worri hid'ansale inqabu ammalle nafi worraleeni diqole ingubanne namichi afreeso suni, inninu waaqa fakaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi, «Ani namoota afurii ka hidhaan isaanii hiikkamee ibiddi isaan hin gubne ka achi keessa deddeema'aaran arga'aara; ka arfeesso'oo ammo ilma waaqole'ee fakkaata» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Innille deebisee, «Ani ammoo kunoo, namooti afur hiikamanee, adoo hin miidhamin ibidda keessa deddeemanuun dhagga; ka arfeesso'oolle ilma waaqotaa fakkaata» jedhe.