Daniel 3:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani jara gugurdafi jaarole gugurdofi makalootafi jari hayyu gugurdaani kaani ch'ufti wolti gad'ufe, jara sadeeni kaani ka ibidi gubu dad'abe dawate. Rifeensafi woyaani worraleeni tokoleeni ingubanne nafi worraleeni diqole aara ind'au.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa worri biyya bulchan, worri baallii qabanii fi worri gorsa kennan maruu naannaya isaaniititti wol gayan; isaan akka ibiddi nafa isaanii hin miine, rifeensa mataa isaanii keessaa takkattiinillee akka hin gubanne, bifti uffata isaanii akka hin jijjiiramnee fi ka biraatuu dhiisii foolimmaan aara ibiddaatuu akka isaan hin tundhe argan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti mana mootumma'aa adaala isaaniititti wolitti qabamanee, ibiddi nafa namoota sanii akka hin miidhin, rifeensi mataa isaanii akka hin gubatin, woyaan isaanii akka hin gubatinii fi fooleen ibiddaatuu akka isaan irraa hin dhowin dhaggane.