Daniel 3:28 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi waan jed'e, Waaqa Shadrakatifi ka Meshekitifi ka Abednego faarsa! Inni malaika isaa erge, jara hojattu isaa ka isa d'ugeefate kana, baase. Worri lubbu ufi jibbaate seera kiyya ch'abse fulla gajed'e Waaqa isaani male waaqa d'ibi kad'atu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa mootichi Nabukadanatsoor akkana jedhe, «Waaqa Sidiraaqii, Misaaqiitii fi Abdinaago'oo galanni haa gawu! inni ergamaa ufii ergee tajaajiltoota ufii kanniin hambiseera; isaan Waaqa ufii abdatanii isaa saganna malee waaqolee biraatii hin sagannu; jedhanii ajaja mooti'ii didanii jireenna ufii balaa irratti gatanii turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Nebukadnezaar, «Waaqi Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo ka ergamaa ifii ergee, tajaajiltoota ifii ta isatti addattu ka baase eebbifamuu ti. Isaan Waaqa ifiititti addatanee, ajaja mootichaa didanee, Waaqa ifii malee, waaqota dhibii tajaajiliisa yookiin waaqonfatiisaan irra, nafi isaanii akka gubatuuf dabarsanee kennane.