Daniel 3:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini amma seera baasa: Yo nami gosafi d'alootafi afaani tateefu Waaqa Shadrakatifi ka Meshekitifi ka Abednego tufate arabse, nama suni ha harkaafi miila iraa ch'irani mana isale onsani balleesaniti. Waaqi d'ibiini tokoleeni ka dandae akana nama baasu injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waaqa kana malee Waandhi biraa ka akkanatti nama hambisu hin jiru; kanaafuu banii biyya maraa keessa jiraatanii fi worra afaan gara garaa dubbatan keessatti namni Waaqa Sidiraaqii, Misaaqiitii fi Abdinaago'oo arrabsu akka nafti isaa cicciramee gatamuu fi akka manni isaallee diiggamee tuulaa kosi'ii ta'u labsa» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Tanaaf akka kana ka baasuu dande'u waaqi dhibiin waan hin jirreef, kolbaan, gosi duudi'ii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu duudiin, ta Waaqa Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo faanshessitu, harkii fi miilli isaanii cicciramee, manni isaanii diigamee tuulaa kosi'ii akka te'uuf, ani ajaja baaseera» jedhe.