Daniel 3:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani akuma qonqo miha sirba suni d'agayaanini, nami gosa gosa, ka d'aloota d'aloota, ka afaani afaani dubbatu ch'ufti gajejed'e, akheekha worqiini mid'aasani, ka hayyu Nebukadrezani old'aabe kad'ate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu namoonni maruu, baniin biyya gara garaatii dhufanii fi gofti afaan gara garaa dubbatan maruu hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka Masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisu ka laagaa gara garaa kennuu, laagaa boobaa sagalee afuufaniitii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhagayan gad kufanii fakii worqi'ii ka mootichi Nabukadanatsoor dhaabe sanii sagadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf isaan duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii akkuma dhage'aneen, kolbaan duudiin, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiganee sagadane.