Daniel 4:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Obeensi isaa waan mid'aaga, mid'aani isaaleeni guddo nama lafa keesa jiru ch'ufa ingahani. Bineensi gaadisa isaa jala boqota, simpirreeni dameele isaa irati mana jaarate, wonti lubbu qaba ch'ufti mid'aani isaa nyaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baalli isaa lalisee guddisee bareede; daraaraan isaa banii maraa akka gayutti guddisee baay'ate, gaaddifni isaa ka bineensonni maruu jalatti hara baafatan ta'e, simbirran sami'ii haafa isaa irratti qophatanii maandhee ijaaratan ta'ee wonti lubbuu qabu maruu daraaraa isaa nyaata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baalli isaa hin tola; midhaan isaalle hin bacata; kolbaa maralle'eef ka sagalee te'utti isa irra jira; bineensoti gaaddisa isaa jalatti boqatan; sinbirrooti dameelee isaa irratti mana ijaaratte; dadi lubbuu qaddu marti isaa irraa nyaatte.