Daniel 4:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oobjuuni, anini hayyu Nebukadrezani oobjad'e tana. Duuba amma Belteshaza, waan isiini d'ooftu nati himi jari kiyya qaqarooni, ka dandae nati himu injiru, si male; wonti akanatiifi atini lubbu waaqoota qulqullo qabda.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa eebjuun ani mootichi Nabukadanatsoor eebjodhe kana; ati Bilxaasoor! hiikkaa isaa natti himi; ogeeyyiin mootummaa kiyya keessa jiran hiikkaa isaa natti himuu hin danda'anii; ati ammo waan hafuurri waaqolee woyyu'uu si irra jiruuf natti himuu hin dandeetta.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Oojjuun ani mootichi Nebukadnezaar oojjadhe tana; qarooleen mootummaa tiyya keessa jirtu marti, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeenne; ati ammoo Belxishaazaar, ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa waan jiruuf, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeetta» jedheen.