Daniel 4:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi suni d'agaye jennaani Danielini ka maqaani d'ibiini Belteshaza, aka male rifate waan jed'u wollaale. Hayyichi waan jed'eeni, Belteshaza, oobjufi wonti isiini d'ooftu si irifachisini. Belteshazani waan jed'eeni, Ee hayyicha, oobjuuni sunifi wonti isiini d'ooftu ha ta nyaapa keeti taatuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Daani'eeliin Bilxaasoor jedhamu waan guddisee nayee jeeqameef hennaa diqqo'oof hin cadhise; mootichillee, «Bilxaasoor! eebjuunii fi hiikkaan isaa si hin rakkisin» jedheen; Bilxaasoorillee mootii kiyya! eebjuunii fi hiikkaan isaa kee ta'uu baatee uduu ka diintota keetii ta'ee silaa hin jaaladha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Daani'el ka, «Belxishaazaar» jedhame, yennaa diqqo'oof guddoo rifatee afaan qabate; maarre mootichi, «Belxishaazaar, oojjuun yookiin hiikkaan isi'ii si hin rifachiisin» jedheen. Belxishaazaar deebisee, «Ee goottaa kiyya, oojjuun sun worra si jibbuuf, hiikkaan isi'iille diinota keetiif teetuu ti.